Karoora barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf qophaa’e beeksisuun eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Karoora barmaatilee miidhaa dubartootarra ga’u ittisuuf qophaa’e naannoo Oromiyaatti beeksisuun eegalame.
 
Karoora umrii malee heerumsiisuu fi kittaanuu dubartootaa ittisuuf ba’e ilaalchisee hubannoo uumuu eegaluu isaa Ministeerri Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI beeksiseera.
 
Hojiin hubannoo uumuu kun naannoo Oromiyaa godina Jimmaatti eegalameera.
 
Karoorri kun karoora kanneen biroo caalaa bifa addaan qophaa’uun barmaatilee dubartootarra ga’an ittisuuf saffisaan hojjechaa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.
 
Sagantaa beeksisuu kanarratti bakka buutoonni dhaabbilee dubartootaa, daa’immaanii fi dargaggootarratti hojjetan, dhaabbileen amantaa fi qaamooleen dhimmichi ilaallatu 250 ol ta’an hirmaataniiru jedhame.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment