Karaa seeraa alaa gara biyya alaatti bahuuf qophaa’aa kan turan namoonni 45 too’ataman

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Karaa seeraa alaa gara biyya alaatti bahuuf qophaa’aa kan turan namoonni 45 too’ataman.
Godina Gondar Lixaa magaala Ganda Wuhaatti karaa seeraa alaa gara biyya alaatti bahuuf qophaa’aa kan turan namoonni 45 too’atamuu poolisiin beeksise.
Godinichatti hogganaan kutaa kominikeeshinii qajeelcha poolisii Inispeektar Warqee Caannee akka himanitti warren too’ataman martuu shamarranidha.
Magaalichatti kan argamu hoteela tokko keessa dhokachuun gara Sudaanitti bahuuf otuu qophaa’aa jiranii eeruu ummanni lateen too’atamuu ibsaniiru.
Faddaltoota seeraa alaan naannoo Oromiyaa fi Kibbaa irraa maallaqa kafaluun shamarran dhufan ta’uu Inispeektar Warqee Caannee himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment