Kantiibaa Adaanech Biraandii haaraa AMN, Chaanaalii haaraa ‘AMN Plus’ fi ‘Addis Talent Show’ifatti eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Biraandii haaraa AMN, Chaanaalii haaraa ‘AMN Plus’ fi ‘Addis Talent Show’ifatti eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech toora miidiya hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti,”AMN jiraattota magaalaa keenyaaf ijaa fi gurra ta’uun jijjiirama fiduun, odeeffannoo kennuun, barsiisuu fi adeemsa bashannansisuu keessatti gahee mataa isaa bahachuutti argama” jedhan.

AMN Sagalee heddumminaa fi dhalootaa ta’uus gochaan agarsiisuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment