Kantiibaa Adaanech Abeebeen Hidha Bishaan Dhugaatii Garbii saffisaan eegaluuf haalota dandeessisanirratti mari’atan.

Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC) –Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Chey Hayi fi gaggeessitoota Garee CGCOC waliin Hidha Bishaan Dhugaatii Garbii saffisaan eegaluuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu ibsan..

Pirojektii kana bara 2008 eegaluuf Baankii Egziim waliin waliigaltee liqaarra gahamus, haga ammaa liqaan kun waan hin lakkifamneef Bulchiinsi magaalichaa baajata ofiisaan ijaarsisuuf murteessuu eeran.

Fedhii fi dhiheessii bishaanii magaalattiin qabdu guutuuf bulchiinsi magaalaa baajata isaatiin ijaaruuf har’a Imbaasii Chaayinaa fi garee kontiraaktaraa CGCOC waliin waliigalterra gahuus himaniiru.

Hir’ina dhiheessii bishaanii magaalaa Finfinnee hambisuuf baajataa guddaa ramadnee hojjechuu irratti argamna kan jedhan Aadde Adaanech, Piroojektii hidha bishaan dhugaatii Garbii yemmuu xumuramu dhiheessii bishaanii caalmaan akka dabalu ni amanna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment