Kantibaan Magaalaa Chuunchoon Magaalaa Finfinnee waliin dhimma dargaggootaa fi Barattootarratti waloon kan hojjetan ta’uu ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Chuunchoon Magaalaa Finfinnee waliin haala hariiroo isaanii caalmaatti cimsuun dhimma dargaggootaa fi Barattootarratti waloon kan hojjetan ta’uu ibsan.

Michummaan Magaalaa Finfinnee fi Kooriyaa Kibbaa Magaalaa Chuunchoon waggaa 20ffaan haala hariiroo magaaloota lamaanii caalmaatti cimsuun yaadatamaa jira.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Hangi Sookhii, Kantibaan Magaalaa Chuunchoon Yook Toong Hanii fi jilli isaaniin durfamu magaalaa Finfinneetti Mana Barumsaa sadarkaa jalqabaa Dajjaazimaachi Wandiyiraad daawwataniiru.

Daawwannaa dargaggootaa fi Barattootarratti waloon hojjechuuf dandeessisu taasiisaaniiru.

Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo waggoota 70 lakkoofsise qabaachuu Ambaasaaddar Hang Sookhiin ibsaniiru.

Wareegamni loltoonni Itiyoophiyaa bilisummaa Kooriyaa Kibbaaf kaffalan yoomiyyuu kan dagatamuu miti jedhan.

Haala hariiroo Magaaloota lamaanii madaaluun dhimma dargaggootaa fi Barattootarratti waloon ni hojjenna jedhan Kantibaan Magaalaa Chuunchoon Yook Toong Han.

Tumsi magaaloota lamaanii barnootaan qofa osoo hin daangofne damee hundaan kan itti fufu ta’uu dubbachuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Magaaloonni obboleeyyanii tarkaanfiin misooma waaraa mirkaneessuuf fudhachaa jiran cimee kan itti fufu ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanachi jilichi deeggarsa mana Kitaabaa Abrihootiif taasiise galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment