Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan kanaan booda Oromiyaa keessatti hojiitu eegala malee dhagaan bu’uura hin taa’u jedhaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa aadaa dhagaa bu’uuraa kaa’uu hambisuun proojektoota eegalsiisee yeroo gabaabatti xumuree tajaajila hawaasaaf oolchaa jira jedhaniiru.
Yeroo har’aas proojektii Agiroo Indaastirii Magaala Naqamteetti hojii eegalchiiseeniiru.
Ijaarsa isaafis Birriin biiliyoona 7.8 ramadamuu himan.
Pilaanii isaa Injiner Massalaa Hayileetiin kan qophaaheefii Ijaarsi isaa Walaabuu Konistiraakshiniin hojjetama jedhan.
Hojiin kunis halkanii guyyaa hojjetamee dafee xumuramuu qaba jedhan.
Indaastiriin kun hiikka kan qabaatuu yoo oomishaafii oomishtummaan daraan dabaledha jedhan Preezdaant Shimallis.
Keessattu Inisheetiivii akka mootummaatti qabaman irraatti xiyyeeffattanii oomishuu qabdu jechuun hawaasaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Giddugalli oomishni itti walitti qabamu bakka adda addaatti ni ijaarama.
Magaalaa Naqamteetiif misoomni cimaan dhufaa jira jedhan, akka fakkeenyaatti Daandiin Magaalicha keessa qaxxaamuru,Buufatni Xiyyaaraa yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama jedhan.
Lixni Oromiyaa biyya nageenyaatii. Warra fageenya taa’ee ilaalutu olola Sobaa odeessa jira jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.