Kanaadaatti balaan ibiddaa mudate Magaalaa Jaasper gariin mancaase

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)-Kanaadaatti balaa ibiddaa mudateen magaalaa tuuristootaa kan taatee Magaalaa Jaasper walakkaa ol mancaasuun ibsame.

Magaalaa Jaasparii fi gaarreen hedduu qabuun kan beekamu Paarkiin Biyyaalessaa Jaaspar waggaatti tuuristoonni miiliyoonaa lamaa ol akka daawwatan ibsameera.

Aanga’oonni naannawichaa akka ibsanitti, Wiixata darbe jiraattonni kuma 10 fi tuuristoonni kuma 15’tti tilmaamaman balichaa sodaachuun naannawicha gadi lakkisanii akka ba’an taasifameera.

Faalamni balaa ibiddichaan uumamuu fi wal’aanamtoota Hospitaalaa keessaa baasuun itti fufuun ibsameera.

Balaan ibiddichaa hanga ammaatti kan hindhaamane ta’uu eeruun, naannawichatti bu’uuraaleen misoomaa %30-50 ta’an manca’uun hojii deebisanii ijaaruu akka gaafatus eeramuu The New Daily gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment