Kana hin hojjetinaa, kana ammoo mallateessaa wanti jedhu sirrii miti – obbo Dammaqaa Makoonnan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Mana Maree Qindeessituu Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa yaa’ii idilee 12ffaasaa gaggeesse.

Sadarkaa ijaarsa hidhichaa, waliigaltee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts, dhimma biyyoota yaa’a gadaanuurratti ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsa laataniiru.

Adeemsa waliigalteerratti Ameerikaan taajjabdummaarraa gara giddugaltummaatti haalli itti ceete jiraachuu ibsuun, gama Ityoophiyaatin gochichia fudhatama kan hin qabne ta’uu mirkaneessaniiru.

Itti aanaan muummee ministiraa fi walitti qabaan mana marichaa obbo Dammaqaa Makonnin gama isaanitiin, adeemsi waliigaltichaa iftoomina akka qabaatuf Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa taajjabdummaan akka hirmaatan ta’eera jedhan.

Haata’uutii kana hin hojjetinaa, kana ammoo mallateessaa wanti jedhu sirrii miti jedhaniiru.

Adeemsi waliigaltee fulduratti gaggeeffamu faayidaa Ityoophiyaa bifa eegsiseen ta’uu akka qabu himaniiru.

Yaa’icha irratti ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, itti gaafatamaan prees sakreetaaryaatii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuunii fi abbootiin amantaa akkasumas miseensonni mana marichaa aragamaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment