Kan qabnurraa qooduun duudhaa gaarii of dura ummataaf jedhu kan itti agarsiifnuudha – Fiildi Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Mudde 29, 2015 (FBC) – Kan qabnurraa qooduun duudhaa gaarii of dura ummataaf jedhu kan itti agarsiifnuudha jedhan Itaa Maajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birihaanuu Juulaan.

Komaandoon Bilaattee fi Giddu galli Ajaja Humna Qilleensaa hawaasa harka qalleeyyii 120f deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasiisaniiru.

Aadaa Ityoophiyummaa kan qabanirraa qooduu fi akka dhaabbatichaatti ammoo Duudhaa of dura ummataa fi biyyaaf jedhu kan itti agarsiifnudha jedhan Itaa Maajooriin humna Waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birihaanuu Juulaan.

Raayyaan Ittisaa, biyyaaf lubbuu qaalii kan kaffalu, wayita ummanni rakkate ammoo kan qaburraa kan qoodu ilmaan Ityoophiyaa yeroo murteessaa ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment