Kalaqniifi Ariitiin eenyummaa hoggansa jijjiiramaa ta’uu qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Kalaqniifi Ariitiin eenyummaa hoggansa jijjiiramaa ta’uu qaba jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Hoggansi keenya Waggoottan koontiraataa Ummatarraa fudhate keessaa waggoottan lamaan darbanitti milkaa’inoota hedduu galmeessiseera jedhan.

Waggoottan sadan hafanittis iccitii milkaa’ina keenya duuba jiran cimsuufi madda hanqinootaa adda baasuun furuun hoggansi keenya sadarkaa hundarra jiru amala hoggansa Interpireenaraa horatee kalaqaafi ariitiin hojjechuu qaba jechuun ibsaniiru.

Hoggansi keenya dilbii naannoo isaa jiru beekee karoorsuun hojii isaarratti kalaqaafi ariitii yoo dabalee qofa ummata keenya rakkoo keessa baasuus ta’ee jijjirama akka biyyaatti barbaadnu dhugoomsuu kan danda’u ta’uu hubachuu qaba jedhan.

Hojiilee misoomaafi biroo hojjetaman hunda irratti ariitii dabaluu qofa osoo hin taane, daran dabaluudha. Kuufama rakkoo bara dheeraaf ture keessaa baanee badhaadhina hawwinu mirkaneessuu kan dandeenyu saffisa baramaa keessaa baanee ariitii daran yoo daballedha.

Hoggansi keenya hoggansa rakkoo hiiku qofa osoo hin taane, hoggansa rakkoo carraatti jijjiiru, bal’isee yaadufi itti gaafatamuummaa fudhatu ta’uu qaba.

Hoggansi martuu rakkoolee guyyaa guyyaatti muudataniif bal’isee yaaduun furmaata wayitaawaafi sirrii ta’e kennuu itti gaafatamuummaa mootummaafi uummanni itti kenne bahachuu qaba.

Hoggansi keenyaa hoggansa humna walootti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa dabaluu akkasumas dinagdee damdaneessa ijaaru ta’uu qaba. Humna jiran hunda walitti fidee idaa’aamuun qofa misooma barbaadamu mirkaneessuun kan danda’amu jedhan.

Walumaa galatti, waggoota muraasa hafan keessatti, hoggansi keenya sadarkaan jiru amala hoggansa Interpireniyeraa gonfatee, dilbii jiru hubate, yaadarraa gara raawwitti ceha, yaada kalaqatiin jalqabee ariitiin xummurun dirqama haallifi yeroon nurraa barbaadu ta’uu hubachuu qaba jechuun eeraniiru.

Hoggansi keenya sadarkaan jiru ilaalcha dhaabbataa irraa gara ilaalcha jijjiiramaatti dhufuun diinagdee keenya beekumsaafi ga’uumsaan hoggannee badhaadhina haawwinu akka milkeessinu abdii guutuun isinirraa qaba jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment