Kalaqawwan Teeknooloojii Barattootaa fi qorattoota Yuunivarsitii Jimmaan hojjetaman 31 agarsiisaaf dhiyaatan

Kalaqawwan Teeknooloojii Barattootaa fi qorattoota Yuunivarsitii Jimmaan hojjetaman 31 agarsiisaaf dhiyaatan

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)- Kalaqawwan Teeknooloojii Barattootaa fi qorattoota Yuunivarsitii Jimmaan hojjetaman 31 agarsiisaaf dhiyaachuun ibsameera.

Guyyaan Kalaqawwan Teeknooloojii yeroo 3ffaaf yuunivarsiitii Jimmaatti kabajameera.

Hoji gaggeessaan pirojektichaa Tigist Mazmuur, hojiiwwan kalaqaa 31 agarsiisaaf dhiyaachuu himaniiru.

Kalaqawwan  bu’a qabeessa ta’an adda ba’uun gabaaf kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kanaan dura kalaqawwan yuunivarsitichaa 3 gabaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Kana males, hojiiwwan kalaqaa biroof badhaasni maallaqaa ni taasifama jedhameera.

Muktaar Xahaafi Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

 

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment