Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC)-Tibbi kun tibbaa ayyaanaa akkuma ta’e daldalli olaanaan yeroo itti gaggeeffamu ta’uun kan beekamuudha.
Keessumaa wayita ayyaanaatti bittaa fi gurgurtaawwan heddumminaan gaggeeffaman da’eeffachuun gochaan hannaa bal’inaan mul’achuu mala.
Kanaaf kaffaltiiwwan dijitalaan raawwataman eeggannoon kan guutaman ta’uu baannaan ayyaanni gammachuu gara gaddaatti jijjiiramuu mala.
Dhaabbilee faayinaansii garaagaraarraa ergaawwan sobaa fi dogoggorsaa ta’an “Ayyaana ilaalchise kennaa injifattaniittu”, “Badhaasaaf filatamtaniittuu” fi kanneen biroon jedhan isinitti ergamuu danda’a.
Daddabarsaa maallaqaa karaa dijitaalaawaanis ta’e ergaawwan sobaa ergamaniiniin walaqatee yaaddoo haleellaa saayibaarii mudachuu malaniirraa of eeguuf tarkaanfiiwwan barbaachisaan hojiirra oolchuun murteessadha.
* Moobaayila /meeshaa itti tajaajilamnu/ akka hannaaf hinsaaxilamnetti cufuu
* Ergaa barreeffamaa mirkaneessa kaffaltii sobaarraa of eeggachuu
* Sochiiwwan herrega baankii keenya yeroo yeroon sakatta’uu
* Kaffaltii wayita raawwannuu, ergaan kaffaltiin raawwatamuu mul’isu isin ga’uu mirkaneessuu,
* Tajaajila Neetiwoorkii ‘Waayifaayii’ ummataa fayyadamuu dhiisuu
* Appilikeeshinii moobaayil baankiingii ammayyeessuu
* Moobaayila fayyadamuu dhiisuu yookaan nama biraatti kennuuf wayita murteessitan appilikeeshinii moobaayil baankiingii fi sochii taasisataan balleessuu akkasuma ragaalee iccitaawoo balleessuun kan gorfamu ta’uu ragaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoorraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia