Kabajni Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1444ffaan karaa nagaan xumurame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) – Kabajni Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1444ffaan karaa nagaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksise.

Sirni Solaataa Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti bakka hordoftoonni Amantichaa hedduun argamanitti gaggeeffame karaa nagaan xumuramuu humni walichaa ibsa baaseen himeera.

Humni walichaa ayyaanni kun rakkoo tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qaamolee qooda qaban hunda galateeffateera.

Comments (0)
Add Comment