Kabajni Ayyaana Gabreelii Qullubbiifi Hawaasaa nagaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Kabajni Ayyaana Gabreelii Qullubbiifi Hawaasaa nagaan xumuramuu Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaafi Komishiniin Poolisii Naannoo Sidaamaa ibsan.

Kabajni Ayyaana Gabreelii Qullubbii bakka hordoftoonni amantichaafi keessummoonni hedduun argamanitti nagaan kabajamee xumuramuu Hogganaan qajeelcha poolisii godina Harargee Bahaa Koomaandar Naasir Mahaammad ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun kabajni Ayyaana Gabreelii Hawaasaa nagaan kabajamee xumuramuu Komishinarri Komishinii Poolisii Sidaamaa Koomandar Tasfaayee Tuungaamoon eeraniiru.

Maqdas Asfaawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment