Kabajni Ayyaana Arafaa nagaan xumuramuu komishinichi beeksiise

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Kabajni Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1442ffaan nagaan xumuramuu komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Sirni kabaja ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1442ffaan bakka hordoftoonni amantaa Islaamaa hedduun argamanitti Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti kabajamaa ture karaa nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Poolisii magaalaa Finfinnee, Federaalaa fi qaamoleen nageenyaa biroo hawaasa magaalichaa waliin ta’uun tumsa barbaachisu taasiisu ibseera.
Hawaasni magaalichaa milkaa’ina hojii nageenyaaf dirqama isaa ba’aa jiraachuu komishinichi himeera.
Tumsa hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa taasiisaniif komishinichi galateeffateera.
Nageenya magaalichaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman deeggaruu hawaasni magaalichaa cimsuu itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment