Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa cinaatti hojiin qabeenya hoggantootaa galmeessuu ni gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Barana Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa 20ffaa cinaatti hojiin qabeenya hoggantootaa galmeessuu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa kabaja guyyaa farra malaammaltummaa bara kanaa ilaalchise ibsa kenneera.

Guyyaan Farra Malaammaltummaa 20ffaan mata duree ‘diina waloo keenyaa kan ta’e Malaammalturraatti gamtaan yaa qabsoofnu’ jedhuun Sadaasa 1 – 25, 2016 kabajamaa jiraachuu ibseera.

Malaammaltummaan akka biyyaattis ta’ee akka addunyaatti babal’achuun bulchiinsaa fi guddina biyyaa daraan miidhaa jiraachuu ibsameera.

Malaammaltummaa qolachuuf mootummaan jijjiiramaa fi hojiilee seera fooyyessuu hojjechuun tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jiraachuu ka’eera.

Saamu’eel Warqaayehuu fi Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment