Kabaja ayyaanota Masqalaa, Damaraafi Irreechaa ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015(FBC)- Mariin  ayyaanoni Masqalaa, Damaraafi Irreechaa karaa nagaa akka kabajaman dandeessisuurratti xiyyeeffate gaggeeffame.

Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Finfinnee dhimmicharratti caasaalee nageenyaa sadarkaa giddugaleessaa hanga aanaalee jiraniifi qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’ateera.

Waltajjichaan karoora bulchiinsa nageenyaa ayyaanota kanneeniif qophaa’an irratti mari’atameera.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaa aadde Liidiyaa Girmaan, ayyaanonni kunneen ayyaanota dirree uummanni hedduun irratti hirmaatu waan ta’aniif karaa nagaa akka kabajamaniif hojiin eegumsa nageenyaa wal jijjiirraa odeeffannoo si’ataan deeggaramu ni hojjetama jedhan.

Qophiileen nagaan akka xumuramaniif dhaabbilee amantaafi hordoftoota akkasumas qaamolee dhimmi ilaallatu biroo mariisisuun hojii eegumsa nageenyaarratti hirmaattota taasisuun barbaachisaa ta’uu eeruu ragaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment