Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Kabajni Ayyaana waggaa Qulqulluu Qullubbii Gabre’eelii rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qophiin barbaachisu xumuramuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.
Ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Oromiyaa, Dirree Dawaa fi Poolisiin naannoo Hararii waliin ta’uun humna qindoomaa ajejan hogganamu hundeessuun qophii ga’aa taasiisuu ibsameera.
Ayyaanni waggaa Qulqulluu Qullubbii Gabre’eel Godina Harargee Bahaa magaalaa Qullubbiitti bara baraan Muddee 19 sirna hoo’aa ta’een ni kabajama.
Ayyaannichi karaa nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa, bulchiinsii fi jiraattoonni naannichaa qindoominaan qophii ga’aa taasiisuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.
Gareen shororkeessitootaa ergama biyyoota Lixaa fudhachuun maqaa gaarii ayyaannichaa gurraachessuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuu humni qindoomaa nageenyaa kun ragaa qabaachuu ibseera.
Gareen kun hordoftootaa amantichaa fi qooda fudhattoota ayyaanichaarratti haleellaa raawwachuun ergama badii isaanii akka hin raawwanne humni qindoomaa nageenyaa kun bifa qindaa’een sochii eegaluu ibseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.