Kabaja Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC) – Poolisiin Magaalaa Finfinne kabaja Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse.

Haaluma kanaan daandiiwwan armaan gadii tajaajila geejjibaaf cufaa ta’uu himeera.

• Daandiin Uraa’eelii gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu,addabaabayii Uraa’eelitti,

• Boolee gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Olompiyaatti,

• Masqal Filaawarii gara Olompiyaa fudhatu Addabaabayii Gaazeebootti,

• Agoonaa Siinimaa gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Addabaabayii Xilahuunitti,

• Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Laga Harreerratti,

• Qaxxaamura Teelee gara Istaadiyeemii fudhatu qaxxaamura Teeleetti,

• Hoteela Raas gara Istaadiyeemii kan fudhatu Hoteela Raasitti,

•Ibsaa Harraambee gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Harraambeetti,

• Masaraa Biyyaaleessa gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Masaraa Biyyaaleessaatti,

• Sheelii Qarsaa gara Baambiis fudhatu Sheelii Qarsaa cinaatti,
• Hoteela Jippitarii gara ECA fudhatu Gamoo Saalkoot cinaatti kan cufamu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment