Kaayyoon keenyaa guyyaa guyyaan ummata Ityoophiyaaf missirachoo labsuudha –MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) –Daandiin Badhaadhinaa jalqabne akka biiftuu ganamaatti ifaa jira jedhan Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Ifni bahaa jirus namoota baayy’eetti abdii guddaa horeera jedhan.
 
Dooktar Abiy, kaayyoon keenyaa uummataa Ityoophiyaaf guyyaa guyyaan missiraachoo labsuudha jedhan.
 
Uummataa keenyaaf wanti gaariin akka dhufuuf hojjeechaa jirras jedhan.
 
Gammachuun biyyaa,hawwiin, abdiin lammiileen keenya biyyaaf qaban akka dabaluuf, hojii qabatamaa hojjechaa jirra jedhaniiru.
Ummanni keenyas hojii humnoonni badii hojjettan duukaa bu’uu dhiisuudhaan, daandii Badhaadhinaa jalqabne cimsee itti fufuu qaba jechuun Fuula Feesbuukii isaaniirratti ergaa dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment