Kaayyoon jijjiiramichaa sirna cimsuudha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)– Kaayyoon jijjiiramichaa keessaa tokko sirna cimsuudha jechuun Minisitirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Waggoota ja’an darbaniif Pireezidaantii FDRI ta’uun kan tajaajilaan Saahilawarqi Zawdee maqaa Mootummaa Itiyoophiyaan nan galateeffadha” jedhaniiru.

Gama biraatiin, Pireezidantii haara FDRI ta’uun itti gaafatama kan fudhatan Taayyee Atsiqasillaasee, bara itti gaafatama ummataa fi biyya sadarkaa caaluun ba’atan akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Kaayyoo jijjiiramichaa keessaa tokkoo sirna cimsuudha kan jedhan Dooktar Abiy hoggantoonni hojii itti gaafatamaa seeraan kennameef yeroo kennameef keessatti ni bahatu jedhan.

Kanneen biroon ammoo dabaree isaanii isaan bakka bu’uun kaayyoo biyyaalessaa walharkaa fuudhiinsa dhalootaan galmaan akka ga’an ibsanii, ijaarsi biyyaa kan milkaa’us daandii kanaani jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment