Kaayyoon jeequmsa naannoo Beenishaanguul Guumuuz ijaara Hidha Haaromsaa gufachiisuuf ture jedhame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Rakkoon nageenyaa naannoo Beenishaangul Gumuuz godinaa Matakkalitti muudatee ture ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuuf kan karoorfamee ta’uu sadarkaa Ministiraatti qindeessaan gidduu gala Sirna Ijaarsa Diimookiraasii obbo Tesfaayee Beljigee himan.

Rakkoon nageenyaa godinaa Matakkaaliitti uumame ture akka qulqullaa’uuf Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad koree hundeessuun gara sana bobbaasuun kan yaadatmuudha.

Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddu gala Ijaarsa sirna demookraasii fi dursaan siyaasa Komaandi Poostii fi marii Ummataa obbo Tesfaayeen Baljigeen, kaayyoon waliitti bu’iinsichaa ijaarsi Hidha Haaromsaa akka harkifatu taasiisuufi jedhan.

Qaamoleen ergamicha fudhachuun raawwachaa turan diinoota biyya keessaa fi alaa ta’uu himaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa akka harkifatuu fi danda’amnaan dhaabsiisuu yaalii taasiifama ture ta’uu eeruun, yaalichi fedhii diinaa malee hin milkaa’uu jedhaniiru.

Qaamolee naannichatti sodaa nageenyaa uumuuf socha’aa jiran irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Letanaal Jeneeraala Asraat Denneroon ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment