Kaayyoo olaanaan Duula waraanaa Doonibaas baduurraa baraarudha – Preezdaanti Putiin

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Kaayyoo olaanaan Duula waraanaa Bulchiinsa Doonibaas baduurraa baraaruu fi yakkoota sanyii baleessuu ittisuuf ta’uu Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsaniiru.

Preezdaantiin Yukreen Viloodoomiir Zanaliskiin bara Faranjootaa 2014 erga gara aangootti dhufanii jiraattoota Doonibaas isaan morman haleellaa, dhorkama eenyummaarratti xiyyeeffate, haleellaa xiyyaaraa fi dhoksaan ajjeechaa irratti raawwachaa turuu Preeezdaant Putiin dubbataniiru.

Waraanni Yukreen dhimma kana raawwachaa ture yeroo ammaa barbadaa’aa jiraachuu ibsuun, qaamoleen yakka sanyii balleessuu kana raawwatan biroos akka gaafataman ni taasiifna jechuun dubbataniiru.

Waldhabdeen Raashiyaa fi Yukreen Guyyoota 24 kan lakkoofsiise yoo ta’uu, Preezdaantiin Yukreen Viloodoomiir Zanaliskiin gita isaanii Raashiyaa waliin mari’achuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaant Viloodoomiir Zanaliskiin waa’ee bulchiinsaa fi tokkummaa Yukreen irratti Putiin waliin karaa haqa qabeessa ta’ee mari’achuu kan barbaadan ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment