Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) – Kaayyoo gareen Shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa gargar qooduuf karoorfate fashaleessuun danda’amuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Olola sobaan ummanni Tigraay rakkoo hammaata keessa galee turuu eeraniiru.
Raayyaa ittisaa salphisuuf adeemsi deemame daraan kan nama qaaneessu ture.
Mootummaan Federaalaa dirqamuun gara olaantummaa seeraa kabachiisuutti galuu eeraniiru.
Mootummaan lolli eegalame achumatti akka xumuramu hojii guddaa hojjeteen bu’aa olaanaan argamuu Dooktar Abiy ibsaniiru.
Kaayyoon waraana eegaluu keessaa fi alaan Ityoophiyaa diiguuf lola eegalame ture jedhan.
Ummanni Tigraay mirga ofiin of bulchuu qabu akka hin sarbamne tattaaffii olaanaan taasiifameera jedhaniiru.
Duula olaantummaa seeraa booda naannicha deebisaanii ijaaruuf hojiin olaanaan hojjetamuu himaniiru.
Hanga ammaattis mootummaan Birrii biiliyoona dhibba 1 ol baasii taasisuu kaasaniiru.
Yaaliin gareen ABUT meeshaa waraana Ajaja Kaabaa saamuun biyya diiguuf karoorfate osoo hin malkaa’in hafeera jedhan.
Kaayyoo gareen Shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa gargar qooduuf karoorfatees fashaleessuun danda’ameera jedhan.
Ityoophiyaa keessatti waraanaa waggoota 20f itti fufsiisuun ni danda’ama, garuu waggaa 5f misoomaa itti fufsiisuun daraan ulfaataa jira jedhan yaada laataniin.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aan erga gaggeeffamee booda tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu fudhatamuu himaniiru.
Murtoon kun yeroo tokkotti kan fudhatame osoo hin taanee baatii tokkoo oliif hojiin hojjetamuu qabu erga hojjetamee booda ta’uu eeraniiru.
Yeroon qalbeeffannaa laatame ummataas, mootummaas, qaama biroo fi qaamolee alaa ni barsiisa jennee amanna jedhan.
Erga waraanni ba’ee booda namoonni sababa amantaa, sabaa fi eenyummaa isaaniin ajjeeffamaa jiraachuu odeeffamaa jira,kun ammoo waan nama gaddisiisuudha jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.