Kaasaa Giitaatti mana barnootaa sadarkaa 1ffaa deebisanii ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Naannoo Afaar Kaasaa Giitaatti, mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Daarsaa Giitaa deebisanii ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Dhagaa bu’uuraa kana kan kaa’an Ministira Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa fi Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaati.

Manni barnootaa sadarkaa 1ffaa Darsaa Giitaa wayita waranaa garee shororkeessaa ABUT’n kan manca’ee fi adeemsa baruu fi barsiisuurratti dhiibbaa uumee turuun eerameera.

Manni barnootichaa deeggarsa biiroo barnootaa naannichaa fi dhaabbilee tokko tokkoon taasifameen hojii baruu fi barsiisuu jalqabus, yeroo ammaa dareewwan diigamaan faayidaan ala ta’aniiru jedhame.

Dareewwan yeroo qophaa’uunis barattoonni barnoota isaanii itti fufuun sadarkaa gaariirraa jiraachuu ibsameera.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa akka jedhanitti, ijaarsi mana barnootichaa yeroo qabame keessatti akka xumuramuuf deegggarsaa fi hordoffii barbaachisaa akka taasisan himaniiru.

Ministirri Barnootaa Pirofeessar Birhaanuun gama isaaniin, manneen barnootaa diigaman irraa deebiin ijaaruun barnootaaf mijatanii akka ijaaraman pirojektiiwwan karoorsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment