Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Inistiityuutiin Infoormeeshiinii Ji’oospeeshaalii Ityoophiyaa fi Baankiin Lafaa fi Koorpooreeshiniin Misoomaa kaartaa qabiyyee lafaa waliin qopheessuuf waliigalan.
Haala waliigaltichaan Inistiityuutiin Infoormeeshiinii Ji’ooispeeshaalii Ityoophiyaa suuraa saatalaayitiin deeggaramee kaasuun hojii lafa adda baasuu kan hojjetu yoo ta’u, Baankiin Lafaa fi Koorpooreeshiniin Misoomaa ammoo ragaalee qindeessuun kaayyoo barbaaddamuuf akka oolu ni hojjeta jedhame.
Qabiyyee lafaa diijiitaalawaa taasisuun lafti hangamii akka jiru, maaliif akka tajaaajiluu danda’uu fi eessatti akka argamu hojiin odeeffannoo walitti qabuu ni hojjetama jedhame.
Qabeenyaa uummamaa lafarratti argamu adda baasuun misoomaaf qophii taasisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Waliigalteen hojii kun daayreektara olaanaa Inistiityuutii Infoormeeshiinii Ji’oospeeshaalii Ityoophiyaa Dooktar Tulluu Bashaa fi Hojii raawwachiiftuu olaantuu Baankii Lafaa fi Koorpooreeshinii Misoomaa aadde Leensaa Makkonniin gidduutti mallattaa’eera.
Waliigalteen kun qabeenya lafaatti mancaatii malee itti fayyadamuuf kan gargaaru ta’uu ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
Hojiin kun jalqabaaf magaalaa Finfinneetti hojiirra kan oolu yoo ta’u, baatii 4-6 keessatti xumuruuf karoorfameera jedhame.
Kaartaan samiirraa ka’u kun suuraa qabiyyee lafaa qulqulluu fi qabatamaa ta’e kaasuuf shoora oolaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii FDRI irraa argame nu muul’isa.