Kaarnivaalli Shinooyyeefi Goobee magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eeggale

Finfinnee ,Qaammee 1,2014 (FBC)- Kaarnivaalli Shinooyyeefi Goobee 4ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eeggaleera.

Karniivaala kanaan Aadaan uffannaa , sirbi dargaggoofi shamarran Oromoo magaalaa Finfinnee bakkoota adda addaatti kan agarsiifamu ta’uu eerameera.

Agarsiisichi  qindeessummaa Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaatiin kan geggeeffamuufi Qaammee 1 -Fulbaana 8,2015tti kan turu ta’uu ibsameera.

Dargaggoonnifi shamarran Oromoo sirnicha iratti hirmaatan waltajjii kanaan aadaa isaanii beeksisuuf qophaa’oo ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment