Kaarnivaalli Goobee fi Shinooyyee marsaa 6ffaan xumurame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Kaarnivaalli Goobee fi Shinooyyee marsaa 6ffaan Magaalaa Finfinnee fi Shagaritti gaggeeffamaa ture xumurame.
Kaarnivaalli Goobee fi Shinooyyee dargaggootaa Qaammee 1, 2016 eegalee sirnoota adda addaan kabajamaa ture har’a xumurameera.
Kaarnivaalichi har’a Giddugala Galma Aadaa Oromootti bakka Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hoggantoonni mootummaa biroon argamanitti golobameera.
Comments (0)
Add Comment