Kaariim Beenzeemaan sababa miidhamaan tapha waancaa Addunyaan ala ta’e

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessaa Faransaay Kariim Benzeemaa shaakallii irra osoo jiruu miidhama isa muudateen Waancaa Addunyaa Kataariin ala ta’uu ibsameera.

Injifataan badhaasa Ballon d’Or bara kanaa Benzeemaan osoo Kataaritti garee wajjin shaakalarra jiruu taphootaa Waancaa addunyaarratti hirmaachuu hin danda’u jedhame.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Faransaay gama isaan qorannoo MRI godhameefiin Benzeemaan maashaa sarbaa isaarra jirurra miidhamni gaheera jedheera.

Miidhamichaarraa Bayyanachuuf torbanoota sadii isa kan barbaachisu ta’uu ibsameera.

Faransaay Waancaa Addunyaa kana irratti ramaddii D jalatti Awustiraaliyaa, Deenmaarkiifi Tuniziyaa waliin ramadamte.

Tapha jalaqabaas Kibxata dhufu Awustiraaliyaa waliin taphatti.

Taphattootni sarara gidduu Pool Boogbaa fi Nigooloo Kaanteenis miidhamarra waan jiraniif tapha kanarratti hin hirmaatan jedhame.

Maddi:- BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment