Kaardii filannoon bulchiinsa Joo Baayidanii fi Paartii Diimookraat adabuuf Sosochiin eegaleme

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Kaardii filannoon bulchiinsa Joo Baayidanii fi Paartii Diimookraat adabuuf Sosochiin eegalemeera.

Koreen dhimmoota hawaasa Ityoophiyaa Ameerikaa qaamolee deeggartoota waliin ta’uun Filannoo Meeriilaandiin bulchiinsa Joo Baayidanii fi Paartii Diimokiraatii Kaardii filannoon adabuuf sosochii eegaluu ibseera.

Sosochiin kun filannoo Yeroo giddugaleessaa Seensa bara 2022  Meeriilaanditti gaggeeffamurratti kan taasifamu ta’uu eerameera.

koricha waliin ta’uun dhaabbileen tumsaa Ityoo- Ameerikaa 20 fi dhaabbileen daldalaa garaagaraa sosochicha kan hogganan ta’uu ibsameera.

Sosochichaan manaa manarra deemuunii fi leenjiiwwan garaagaraa kennuun hojiin kakaasii kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Qaamolee deeggartoota waliin ta’uun qaama  sagalee isaanii dhaga’u gara aangootti fiduun faayidaan waloo Ityoophiyaa fi Ameerikaa akka mirkanaa’uuf kan hojjetan ta’uu hogganaan korichaa obbo Masfin Taganuu ibsaniiru.

Kanaan dura yeroo filannoo Giddugaleessaa Virjiiniyaan Ityoo- Ameerikaanonni paartii Diimokiraatii fi bulchiinsa Joo Baayidan kaardii filannoo isaaniin adabuuf yaalii qabatamaa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment