Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa har’a gaggeesseen labsii Kaappitaala Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa guddisuu fi dhiibba hir’isuuf ba’e raggaasise.
Mana Marichaatti Ministirri Waamamaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beeljigeen, dhaabbileen misoomaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyarraa liqii fudhatan waan hindeebisneef dhalli liqichaas waan daran dabaleef baankicharratti dhiibbaa uumuu kaasan.
Baankichi dhaabbataa ijoo biyyattii ta’uurraan Birrii biiliyoonnii 900 sanada idaa mootummaa ta’ee akka kaffalamuu fi kaappitaalli ka’umsaa isaa akka dabaluuf murtoorraa ga’amuu himuu ragaan mana marichaarra argame ni mul’isa.
Wixinee labsichaarratti erga mar’atameen boodas Labsii Sanda Idaa Mootummaa lakkoofsa 1346/2017 ta’uun sagalee caalmaan raggaasiseera.
Gama biraatiin manni marichaa wiixinee labsii waliigaltee liqaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduutti mallattaa’e raggaaseera.
Waliigaltichi hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin damee dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan qabdu kan cimsu ta’uu himameera.
Dooktar Tasfaayee Beeljigeen wixineen labsichaa faayidaa biyyaaleessaa haala kabachiisuun walitti dhufeenya uummataa fi ummataa biyyoota lameenii sadarkaa caalutti kan ceesisu ta’uu himaniiru.
Waliigalteen bu’uuraalee misooma Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walquunnamsiisuuf liqaan Doolaara miiliyoona 738 fi kuma 264 mallattaa’uu Dooktar Tasfaayeen himaniiru.
#Oromia #Ethiopia