‘Kaappitaal Yuunaayitid Giruuppi’ misoomaa fi barbaacha gaazii umamaarratti bobba’uuf fedhii argisiise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – ‘Kaappitaal Yuunaayitid Giruuppi’ misoomaa fi barbaacha gaazii umamaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan, jila ‘Kaappitaal Yuunaayitid Giruuppi’ Ilma Mootii Joordaan Abaas Been Alii Been Naayifiin durfamu waliin invastimantii gaazii umamaa irratti mari’achuun ibsameera.

Injiinar Taakkalaan toora miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, dhaabbanni hojiilee albuudaa garaagaraarratti bobba’ee kun misoomaa fi barbaacha gaazii umamaa irratti bobba’uuf fedhii argisiisuu kaasaniiru.

Sochii qabatamaatti seenuufis jilicha waliin waliigalteerra ga’uu beeksisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment