Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC) – Kaansariin Fiixee Gadameessaa Vaayirasii ijaan hin mul’anne ‘Humna Papilloma virus’ jedhamuun kan dhufuudha.
Dhibee kun lubbuu dubartootaa gaaga’uun dhibee sadarkaa 2ffaarratti argamuudha.
Ka’umsi isaa Infeekshinii yoo ta’u, Infeekshiniin kun ammoo % 70 dubartoota kan mudatuudha.
Infeekshiniin yeroon yoo wal’aansa hin arganne carraan gara Kaansariitti jijjiiramaa bal’aadha.
Kaansariin akka kanaa dafee mallattoo hin argisiisu, qorannoo qofaan beekama.
Infeekshiniin dubartoota mudatu Kaansariitti jijjiiramuuf waggoota 10 hanga waggoota 20 itti fudhata jedhame.
Dhibee Kaansarii fiixee gadameessaa ittisuuf talaalliin furmaata isa jalqabaati jedhu ogeeyyiin yaala fayyaa.
Itiyoophiyaatti waggaan dubartoonni kumni 8 dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’uu, % 70 lubbuu isaanii kan dhaban ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Dubartoonni umrii waggaa 30 – 49 gidduu jiraan waggaa sadi sadiin qorannoo kana akka taasiisan gorfama.
#Oromia #Ethiopia