Kaanaadaatti bara baajatichaatti ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf galiin doolaarri kumni dhibbi 3 ol walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC)-Bara baajatichaatti Ityoophiyaanoonni Kaanaadaa bulchisoota garagaraa keessa jiraatan hidha haaromsaa guddichaaf galiin doolaara kuma dhibba 3 fi kuma 76 ol walitti qabaniiru.

Kaanaadaatti gareen ‘Alliance for GERD in Canada, Manitoba chapter’, Imbaasii Ityoophiyaa Kaanaadaatti argamuu waliin ta’uun marii  viidiyoo konfiransii gaggeessaniiru.

Waltajjichaarrati haasaa kan taasisaan Kaanaadaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Naasisee Caalii, dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoonni Kaanadaa jiraataan sochiin galii walitti qabu hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaaf taasisaan kan nama boonsuudha jedhaniiru.

Bara baajata qabameetti ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf doolaarri Ameerikaa kumni 3 fi kumni 76 ol waliitti qabamu Ambaasaaddaritti himaniiru.

Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameen deeggarsi bilisa doolaarri Kaanaadaa kumni 44 fi 575 yoo ta’u, kumni 13 fi 550 ammoo deeggarsi bilisa waada galamu ibsameera.

Dabalataanis bittaa boondii kallattiin biyyan doolaarri Kaadaanaa  kumni 47 fi 900 raawwachuuf waada galamu Amabaasaaddar Naasiseen himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment