Kaanaadaatti balaliin xiyyaaraa atakaaroo daa’ima maaskii hin kaawwanneef haqame

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Kaanaadaatti balaliin xiyyaaraa atakaaroo daa’ima maaskii hin kaawwanneef haqame.

Kaanaadaatti sababii intalli dubraa xiyyaara keessatti maaskii hin godhanneef jecha, balaliin xiyyaaraa haqamuun, dhimmicha poolisiitti beeksisan.

Namni Safwan Choudhry jedhamu, Daandiin xiyyaaraa WestJet daa’imni isaa ganna lama hin guunne maaskii afaanii fi funyaan haguugu akka keewwattu gaafatan; daa’imni kun garuu booyicha dhiisuu didde jedha.

Daandiin qilleensaa kun garuu dhimmichi daa’ima ji’a 19 kanaa otoo hin tahin, daa’ima biroo kan ganna sadi taatedha jedha.

Intalli dubraa isheen ganna lamaa gadi taate kun, seeraan maaskii godhachuuf hin dirqamtu.

Balaliin 652 gaafa Kibxata ganamaa magaalaa Kaalgaarii irraa Torontoo deemuuf ture kun haqamee, imaltoonnis akka xiyyaara keessaa bu’an taasifaman.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment