Kaanaadaan Pirojektoota Misooma Afrikaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 140 ifoomsite

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)- Kaanaadaan pirojektoota misoomaa Afrikaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 140 ifoomsite.

Ministirri Misoomaa Idil Addunyaa fi Itti Gaafatamaan Ejensii Misooma Diinagdee Paasifik Kanaadaa Hajiraat Sajan, daawwannaa Ityoophiyaa, Ijibtii fi Chaaditti taasisan xumuraniiru.

Hajiraat Sajaan qondaaltota olaanoo fi bakka bu’oota dhaabbilee naannawaa fi idil addunyaa waliin, dhimmoota jijjiirama qabeenyaa qilleensaa, walitti bu’iinsaa fi tasgabbii, wabii nyaataa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Haaluma kanaan, biyyoota naannawaa Gammoojjii Saahelii fi Yaa’a Laga Chaaditti argamaniif deeggarsa pirokjektoota misoomaaf kan ooluu Doolaara miiliyoona 140 fi deeggarsa namoomaaf Doolaara miiliyoona 39.8 ifoomsaniiru.

Hajiraat Sajan, daawwannaa Ityoophiyaatti taasisaniin Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliin dhimmoota walta’iinsa misoomaa Kanaada fi Ityoophiyaa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dabalataan qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa biroo waliin adeemsa nageenyaa, riifoormii diinagdee, dhiyeessii deeggarsa namoomaa, haalaa yeroo Sudaan fi dhiibbaa naannawaarratti qaburratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment