Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Qillee Sababeeffachuun kaafamtoota misoomaaf bakka hojii kennaniiru.
Abbootii qabeenyaa kutaalee Magaala Lammii Kuraa, Nifaas Silki Laaftoo fi Aqaaqii Qaallittii walta’uun manneen ijaaramanii fi bakka hojii kaafamtoota misoomaa jiraattoota magaalattiif kennuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti misooma kooriidarii fi daangaa daandii kabachiisuuf kanneen kaafaman maatii kuma 4 fi 510 manneen bu’uuraaleen misoomaa guutameef yeroo gababaa keessatti ijaaruun dabarsuu himaniiru.
Jiraattota kuma 1 fi 264 oliif ammoo carraa hojii uumuun bakka hojii dabarsanii kennuu himan.
Mootummaan waamicha taasise simachuun abbootii qabeenyaa itti gaafatama hawaasummaa isaanii bahatanii fi gurmaa’iisa magaalattii galateeffataniiru.