Kaabineen naannoo Somaalee qaamolee boba’aa seeraan ala daddabarsanirratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu murteesse

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Somaalee qaamolee dhuunfaa boba’aa seeraan ala daddabarsanirratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu murtoo dabarseera.

Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad hoggansa, miseensota qaamolee nageenyaa fi bulchitoota godinaalee waliin dhimmoota hongee, daddabarsa boba’aa seeran alaa, haala nageenyaa fi haala waliigalaa naannichaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Qaamolee shira diinagdee xaxan fi boba’aa seeraan ala daddabarsanirratti mootummaan naannichaa tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uu ibseera.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi sochii seeraan ala qolachuuf akkaatuma Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 1ffaa tibbana gaggeesseen kallattii kaa’een mootummaan naannichaa hojiitti kan hiiku ta’uu murannoo qabu ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment