Kaabineen Naannoo Hararii walgahii ariifachiisaa gaggeesseen murtoo dabarse

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Kaabineen Naannoo Hararii walgahii ariifachiisaa gaggeesseen dhimmoota waqtaawarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Balaa Ibiddaa Magaalaa Harar naannawaa Karra Shawaa iddoo addaa Taayiwaan jedhamuun beekkamutti mudate irratti bal’inaan mari’ateera.

Mootummaan sababa balichaa fi hamma miidhaa qaqqabee hatattamaan qorachuun lammiilee balaa kanaan miidhaman naannoo sana jiran deebisanii dhaabuuf kan hojjetu ta’uu murteesseera.

Balaa ibiddaa kanaan walqabatee koreewwan garaagaraa sadii hundeessee jira.

1ffaa Koree Sababa balichaa kan qulqulleesu

2ffaa Koree Hamma miidhaa qaqqabee kan qoratu

3ffaa Koree Lammiilee naannoo sanatti miidhaman deebisee dhaabuuf hojjetu hundeessee jira.

Kaabineen naannichaa lammiilee sababa balaa ibiddaa kanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamu keessatti ummanni akka deeggaru gaafachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment