Kaabineen naannoo Hararii dhimmoota adda addaarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsaa Naannoo Hararii walga’ii idilee har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa misooma Giddu gala namuusa dargaggoo hundeessuu fi bulchiinsa isaanii murteessuuf dambii wixinee qophaa’ee fi ramaddii Lafaa Invastimantiirratti bal’inaan mari’achuun raggaasiseera.

Dargaggoota namuusa gaarii qabuu fi sababaawaa ta’e horachuuf giddu gala misooma namuusa dargaggootaa hundeessuuf dambiin ba’uu hedduu qabaachuu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa lafa Invastimantiif fudhatan gara misoommaatti akka galan deeggarsa taasiisuu fi jajjabeesusun murteessaa ta’uu himuun, kanneen lafa fudhataniin seeraan hin misoomsine hojiin to’annoo fi hordoffii taasiifamu cimee kan itti fufu ta’uu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment