Kaabineen naannoo Afaar raawwii kallattii fi ergama isaanitti kenname gamaggaman

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Miseensonni kaabinee naannoo Afaar raawwii kallattii fi ergama isaanitti kenname gamaggamaniiru.

Waltajjiin marii mata duree waraanaarraa gara daandii nageenyaa jedhu gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Preezdaantiin naannichaa obbo Awwal Aarbaa argamaniiru.

Waltajjichaan raawwii hojii paartii, hoggansa adda baasuu, miidhaa waraanaan qaqqabe fi calallii Raayyaa Ittisaa ilaalchisee ergamaa fi kallattii kaa’amee ture gadi fageenyaan gamaggamameera.

Ajandaalee kanneen irratti qoodni hoggansaa, misensaa, hayyootaa, dargaggootaa, dubartootaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi hawaasaa maal fakkaata ture kan  jedhu gamagamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Miseensonni kaabinee kunneen jabinaa fi hanqina erga addaan baasanii booda hojiin hojjetame bu’a qabeessaa fi milkaa’aa ta’uu eeraniiru.

Fuulduratti kallattiiwwan biyyaalessaa fi naannoo haala bu’aa qabeessa ta’een raawwatamuu akka qaban kallattiin kaa’ameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment