Kaabineen naannichaa Sagantaa babal’ina dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa magaalaaf bajata Birrii miiliyoona 203 ol raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Kaabineen naannoo Hararii raawwii Sagantaa babal’ina dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa magaalaaf bajata Birrii miiliyoona 203 ol raggaasisuu ibsame.

Manni maree naannichaa hojiilee Sagantaa babal’ina dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa magaalaan hojjetamaa jiran gamaaggamuu eerameera.

Manni maree naannichaa walga’ii gaggeesseen hojiilee sagantichaan bara 2014tti hojjetaman gamaaggamuun karoora invastimantii kaappitaalaa bara 2015 qorachuun sagalee guutuun raggaasisuu ibsameera.

Birriin ragggasifame piroojektoota sagantichaan eegalamanii hin xumuramiin hafaniif kan oolu ta’uu eerameera.

Miseensonni mana marichaa piroojektoonni yeroo qabameefitti qulqullinaan akka xumuramaniif xiyyeeffannoon hojjetamaniif kallattiin kaa’amuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment