Kaabineen magaalichaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen fiixee baajata bara 2017 irratti mari’achuun kallattii kaa’e

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) – Kaabineen magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 13ffaa waggaa 3ffaa har’a gaggeesseen fiixee baajata bara giddu galeessaa 2017 irratti mari’achuun kallattii kaa’eera.

Akkaataa baasii bara giddu galeessaa 2007 – 2019n bara 2017 maddoota galii adda addaarraa galii Birrii biiliyoona 230.39 walitti qabuuf kan karoorfame yoo ta’u, ramaddiin baajataa kan waliigalaa keessaa % 61 baajata Kaappitaalaaf akka ta’u kallattii kaa’eera.

Baajatichi karoora ijoo dameewwan xiyyeeffannoof akka oolu kaabineen magaalichaa marii isaan kallattii kaa’eera.

Magaalaan Finfinnee baajata ofiin kan of bulchitu ta’uu isheen galii sassaburratti dhaabbiileen xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabanii fi deeggarsii fi hordoffiin barbaachisu akka taasiifamu murteessera..

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment