Kaabineen magaalichaa jila Atleetiksii Ityoophiyaaf kennaan garaagaraa akka laatamu murteesse

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee jila Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaan injifannoo boonsaa galmeesseef kennaan garaagaraa akka laatamu murteesseera.

Bulchiinsi magaalichaa gootummaa jilichi agarsiisee fi bu’aa argamsiiseef sagantaa galateeffannaa guyyaa boruu kan gaggeessu ta’uu ibseera.

Kaabineen bulchiinsa magaalichaa Atleetoota Meedaaliyaa argamsiisanii fi jilicha galateeffachuuf badhaasonni adda addaa akka laatamu murtoo dabarseera.

Sagantaan jiraattoonni magaalichaa galateeffannaa itti dhiyeessu qophaa’uu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment