Kaabineen Magaalaa Finfinnee murteewwan dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa har’a gaggeesseen murteewwan garaagaraa dabarseera.

Haaluma kanaan, hojiilee aartii gola hambaa Adwaa irratti mari’achuun Ityoophiyaanonni hunduu bakka bu’anii yaada galtee akka kennan kallattii kaa’eera.

Dabalataanis pirojektoonni ijaarsaa rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an kumni 1 fi 44 irraa caalaan isaani manneen jireenyaa waan ta’aniif yeroo dhumaaf yeroon ijaarsi isaanii itti xumuramu akka dheeratu murteesseera.

Gama biraatiin, aanaalee 11’tti mala ijaarsa saffisaan gamoowwan 11 akka ijaaraman murtaa’uu ragaan waajjira kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Ijaarsa daandii amartii Qaallittii-Tulluu Diimtuu xumursiisuuf liqiin Baankii Egziim hanga gadi lakkifamutti bifa liqaatiin baajata mootummaarraa kennamuun pirojektichi akka xumuramu murteesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment