Kaabineen Magaalaa Finfinnee dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC) – Kaabineen Magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 5ffaa bara hojii 3ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Qaamni hojii raawwachiiftuu Bulchiinsa magaalichaa Wayita gamaaggama hojii bara 2015 taasisetti tajaajila fooyya’aa laachuuf dhaabbilee fi caaseeffama hojiin riifoormii isaan barbaachisu adda baasuun qorannoon fooyya’iinsaa akka taasifasifamu kallattiin taa’ee akka ture niyaadatama.

Bu’uuruma kanaan;

1ffaa, Lakkoofsa heddummina hojjataa sadarkaa giddu galeessaatti mul’atu galii magaalattiin galchituu fi tajaajila hawaasaaf kennamuun kan wal hin madaalle waan ta’eef hojjataa gara aanaa fi dhaabbilee ba’aan hojii itti heddummaatutti akka ramaddiin taasifamuu fi kanas dhaabbileen ogummaa fi dandeettii barbaachisu bifa giddu galeeffateen akka raawwatan akka taasifamu,

2ffaa, Tajaajiloota Mootummaan kennaman keessaa qaama sadaffaaf dabarfamanii Yookan ‘Outsource’ taasifamanii osoo hojjatamanii firii barbaachisaa fi gaarii ta’e nifidu jedhamanii tajaajiloota qorannoon adda baafaman keessaa qaama 3ffaadhaan akka hojjatamanii fi adeesma isaa ilaalchisee kaaroorri duraa gahaan akka taasifamu akkasumas rakkoon bulchiinsaa akka hin mudanne karoorri adeemsa ce’uumsaa qophaa’uun naamusa hojii cimaadhaan akka hoogganamu,

3ffaa, Dhaabbileen koree ogeeyyii hundaa’een qoratamuun deebi’anii akka caaseffaman taasifamanii fi dhaabbileen bifa haaraan akka gurmaa’an taasifaman qorannoo, adeemsi hojii fi haalli caaseffamaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Yaadolii fooyya’iinsaa dhiyaatan ilaaluuni fi qorachuun mana mareetiif akka dhiyaatu murtoo dabarsuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment