Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Tigiraay guyyaa boruu irraa eegalee gara hojiitti akka galu beeksise

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) –Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Tigiraay guyyaa boruu irraa eegalee gara hojiitti akka galu Hojii Raawwachiiftuu Olaanaa Bulchiinsa Yeroo Tigiraay Dooktar Muluu Naggaa beeksisaniiru.
Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Bulchiinsa Yeroo Tigiraay Dooktar Muluu Naggaa haala waqtaawaa naannoo Tigiraay ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin naannoo Tigiraayitti waajiraaleen mootummaa fi dhaabbileen daldalaa tajaajila laachuu akka eegalan qaama dhimmi ilaalatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Tigiraay guyyaa boruu irraa eegalee gara hojiitti akka galan mirkaneessaniiru.
Hojjettoonni mootummaa gochaa badii Juuntaan rifatanii hojii dhaaban Wiixata dhufu irraa eegalanii gara hojii idilee isaanitti akka deebi’an Dooktar Muluun hubachiisaniiru.
Hojjettoonni mootummaa guyyaa eerametti gara hojiitti hin deebine fedhii isaaniin hojii akka gadi dhiisanitti fudhatama jedhaniiru.
Magaalaa Maqalee dabalatee magaalota naannichaa hedduutti nageenyii fi tasgabbiin uumamuu eeruun, dhabbileen daldalaa guyyaa boruu irraa eegaluun gara hojii idilee isaanitti deebi’uu qabu jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment