Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Ejansiin Soorata Barattoota akka hundaa’u murteesse

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Ejansiin Soorata Barattoota akka hundaa’u murtee dabarse.

Hundaa’uun ejansichaa bara baajataa qabametti dhiyeessi meeshaalee barnootaa fi sirna soorata barattoota itii fufiinsa akka qabaatuuf ni gargaara jedhame.

Ejansichi baajata bulchiinsi magaalaa remade fi qamooleen gargaarsa garagaraa dhiyeessaan qixaan akka biraa ga’uuf ni hojjeta jedhame.

Hundaa’uun ejansicha dhaloonni xiyyeeffannoo isanii barnoota qofaarraa akka taasisaaniif ni gargaara.

Ejansichi akka hundaa’uuf labsii dhiyaate mana mareef qajeelcheera.

Comments (0)
Add Comment