Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dhimmoota sadiirratti murtoo dabarse

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 11ffa gaggeesseen dhimmoota dandeettii hawaasummaa fi diinagdee magaalattiif gahee olaanaa qabanirratti mari’achuun raggaasiseera.

Haaluma kanaan wixinee dambii kenniinsa tajaajilaa bakka dhaabbii konkolaataa bulchiinsa magaalichaa ba’erratti mari’achuun raggaasiseera.

Kana malees ijaarsi gaggeeffaman fageenyi daandiirraa qabaatan walfakkaataa akka ta’uuf, sadarkaalee sadiin dambii bulchiinsaa dhiyaaterratti mari’ateera.

Haaluma kanaan kana booda ijaarsonni gaggeeffaman kamuu daandii ijoorraa meetira 10, daandii sadarkaa 2ffaarraa meetira 5, daandii walgeettiirraa meetira sadii akkasumas daandii keessoorraa meetira 2 fagaatanii ijaaramuu akka qaban murtoo dabarseera.

Dabalatan dambii Hundeeffamaa Giddugala Haaromsaa Fi Gabbisa Hubannoo Dubartootaa ba’erratti mari’achuun raggaasisuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment