Kaabaa Awurooppaatti ‘’Dambaliin hoo’aa‘’ babal’achaa dhufuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Biyyoota Kaaba Awurooppaa fi Kaaba Dhiha Afrikaatti hoo’i olaanaan babal’achaa jiraachuun ibsameera.

Guyyoottan dhufan keessatti biyyoota Kaaba Awurooppaa baay’ee keessatti hoo’i Digrii Seelishiyasii 40-48 qaqqabuu akka danda’u raagameera.

Dambaliin hoo’aa kun keessumaa biyyoota, Speen, Faransaay, Giriik, Kirooshiyaa fi Turkii digrii Seelishiyeesii 40 ol ta’uu akka danda’u eerame.

Magaaloota Xaaliyaan keessatti Digrii Seelishiyeesi 48.8 qaqqabuu akka danda’uu kan raagame yoo ta’u, Filooriinsi fi Roomiin dabalatee magaaloota 10’f akeekkachisni kennamuun ibsameera.

Dambalii hoo’aa ‘’Seerbaris‘’jedhamuu kan moggaafame yoo ta’u, biyyoota kanneen keessatti hoo’inni sadarkaa olaanaan babal’achaa jiraachuun himameera.

Dambalicha hordofee Magaalaa Room keessatti tursitoonni hedduun of wallaluun kufaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment